Kiipi noodilii nyaachu barbaade.
Kip feels like eating some noodles.
Kiipi hiriyyaa isaa tokko akka itti makamu gaafate.
Kip asks a friend to join him.
Bakka nyaata itti nyaatan barbaadan.
They look for a place to eat.
Bakka wayii kan nuudiliin itti gurguramu argatu.
They find somewhere that sells noodles.
Kiipi fi hiriyyaan isaa minjaala tokko argatu.
Kip and his friend find a table.
Isaanis taa’anii keessummeessaa waamu.
They sit down and call the waiter.
Keessummeessaan ni dhufa. Kiipi nuudilii ajaja.
The waiter comes. Kip orders noodles.
Hiriyyaan isaas nuudilii ajaja.
His friend orders noodles too.
Tokkoon tokkoon isaanii koochoo bishaanii fudhatu.
They each get a glass of water.
Keessummeessaan nyaata ni fida.
The waiter brings the food.
Ittoo nyaata mi’eessuu fi soogidda itti dabalanii, nuudiila sanas waliin makuu.
They add sauce and salt, and stir the noodles.
Kiipi fi hiriyyaan isaa nuudila sana nyaatu. Mi’aawaa dha.
Kip and his friend eat the noodles. They are delicious.
Isaanis kaffaltii kaffalu.
They pay the bill.